Suutafi Saffisaan Yaaduu Kaayyoo Ijoo Kitaabichaa Kitaabni kun yaadrimee lama of keessaa qaba. Inni tokko Naga Qabeessummaa ( Non Violence) yoo tahu inni lammataa immoo Haasawa ( Communication) dha. Barreessaan kitaabichaa bu’uurri barreeffama isaa hogganaa Qabsoo Naga Qabeessa hindii kan ta’e nama Mahatma Gaandii jedhamuudha. Ka’umsi isaas akkuma qabsoon karaa nagahaa Gaandiidhaan gaggeeffamee injifannoo Hindootaatiin goolabame san haasawaaf walqunnamtiin nuti jiruuf jireenya keessatti namootaan waliin goonus akkamiin gama hundaan injifatoo akka nu taasisuu dandahu kan akeekudha. Naga qabeessummaa haasaa’aaf qunnamtii jechuun ilaalchi gaariin, jaalalli, wal hubannaan, kabajaan, wal faarsuun/wal jajuun, garaa bal’achuun, nama birootiif dhimmamuufi ilaalcha ofittummaa, haafawummaa, jibbaa,madaala dabsuu, shakkii garmalee akkasumas ilaalcha hammaataa sammuu keenya weeraran irraa qulqullaawuu dandahuudha. Adeemsi kuni daandii gaarii namoota waliin ittiin waliigallu, namootaan waliin wal qunnamtii keenya ittiin fooyyessinu akkasumas nama jaalatamaa akka taanuuf kan nu dandeessisuudha. Barnootawwan Ijoo Kitaabichaa Kitaaba kana keessa qabxiiwwan faayda qabeessa tahan hedduutu jiru. Kanneen keessaa kanneen ijoo tahaniifii yaada waliigala kitaabichaa ibsuu dandahan jedhee kanin ani itti amane kanneen asii gadiiti. Waan Barbaaddu Ifaan Ifatti Ibsachuu – namootni hedduun osoo waan fedhan sirriitti hin ibsatin namoonni biroo na hubachuu didan jedhanii komatu. Kanarra dabrees akkamiin na hubachuu didan jedhanii aaru, keessoo ofii miidhu. Yoo haqaan namootni akka si hubatan barbaadde waan isaanirraa barbaaddu ifaan ifatti itti himuu dandahuu qabda. Osoo waan isaanirraa barbaaddu akka isaaniif sirritti galutti hin ibsin yoo isaanitti aarte/ yoo isaan komatte yoo of mite malee wanti ati argattu tokkos hin jiru. Fakkeenyaaf aadaa keenya keessatti jaalalti yoo nu qabe namni nuti jaalanne suni waan keessaa nu gubu hin hubatu ta’a. Osoo jaalala keessa keennaa nu gubu afaan baasnee nama jaalannutti hin dubbatin nama sana komachuun/itti aarun hariiroo nama saniin waliin qabnu miidhuu qofas osoo hin ta’in fedhiin keenyas akka hin guutamne nu taasisa. Haasaa Riqicha Diigu Fayyadamuu Dhabuu – Haasaa namaan waliin taasisnu keessatti jechoonni nuti fayyadamnu al tokko tokko riqicha jaalalaa walitti nu hidhan osoo hin ta’in kanneen hariroo jirtu diigan, balleessaniifii badiitti nama geessan ta’anii argamu. Kunimmoo nus tahee namoota itti haasofnu sana baay’ee miidha. Kanaaf haasaaf qunnamtii namootaan waliin goonu keessatti waan riqicha ijaarufi waan walitti nu dhiheessu irratti fuulleffachuun barbaachisaadha. Waan namoonni godhanis tahee amala isaanii irratti yaada/qeeqa qabnus haala nama sana guutumaan guututti miidhuun osoo hin ta’in haala wantoonni itti fooyya’uufii suphamuu dandahan ittiin sirraa’an irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Ilaalchaafi Hubannaa Keenyaaf Itti Gaafatama Guutuu Fudhachuu – Namoonni garagaraa nus tahee haala keenya ilaalchisee waan itti dhagahame kamuu jechuuuu danda’u. Wanti guddaanifii murteessaan nuti mataan keenya waan namni biraa nuun jedhu sana akkaataa kamiin hubanna isa jedhuudha. Namni tokko waan hamaa / Negetiivii ta’e tokko yoo nuun jedhe carraa Afur qabna. Tokkoffan dogongora kootiin qeeqame jenneen of nyaachuu/of qeequudha; Lammaffaan qeeqa nurratti dhiyaate sanaaf / waan hamaa jedhamne sanaaf namoota biroo sababnee dubbicha ofirraa qabuudha; Sadaffaan miira keenyatti deebinee waan goone/ balleessiteerta jedhamnee ittiin qeeqamne sana irra deebinee madaaluudha; Afraffaanifii inni dhumaa immoo miira namootuma qeeqa nurratti dhiyeessanii/waan hamaa nuun jedhanii sana hubachuudha; Haala kamiyyuu keessatti carraawwan qabnu kanneen keessaa waan keessoo keenya nu hin miine filachuufii sana hojiirra oolchuun gammachuu keessoo keenyaatiifii namoota nu waliin qunnamtii godhaniifis baay’ee barbaachisaadha. Haasaa keenna keessattis qeeqqafii waan hamaadhaaf of saaxiluu keennaan dura waan dubbachuu barbaannu kamuu ifaan ifatti adaduma dubbanneen waan barbaannu akka argannus beekuu dandahuu qabna. Yeroo hunda waan nuti jenne namni akka nuti barbaannutti hubatuu dhabuu danda’a, kanaaf wanti nu jenne sun akka nuti jennetti hubatamuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaadha. 4. Of Abaaruu Irraa Of Qusachuu – Akka ilmoo namaatti hundi keenyayyuu ni dogongorra. Dogongorri kunimmoo xiqqaas guddaas tahuu danda’a. Waan kaleessa hojjanneef of abaaraa, of arrabsaa, of ajiifataa ooluun garuu waan fayyadu tokkos hin qabu. Wanti nu fayyadu kaleessarraa barannee borutti haala gaariidhaan tarkaanfachuudha. Kanaaf ofumaa waan hintaane/ waan nu hin fayyaadne ofitti hasaasaa sammuu ofii miidhuun daran humna keenya miidha, miira keenya qancarsa, kaka’umsa keennas nu keessatti ajjeesa. 5. Naatoo Haqaa Qabaachuufi Onneef Qalbii Guutuun Dhageeffachuu – Naatoo haqaa qabaachuun kabajaaf safuu eeggataa haalafi miira namootaa hubachuuf yaaluu jechuudha. Kunimmoo qaamaaf qalbii guutuun dhageeffachuu gaafata. Gurra qofaan dhageeffachuun gahaa miti. Kana jechuun immoo osoo isaan hin qeeqin/taajjabbii keessa hin galchin akka isaanii taanee isaan hubachuuf yaaluu jechuudha. Namoonni gariin osoo yaaduma namaa dhageeffatanii miira namaa hin hubatin nama qeequudhaaf/arrabsuudhaaf/gorsuudhaaf ariifatu. Kana godhuu keenyaan dura guutumaan guututti isaan hubachuu keenya haala garagaraatiin mirkaneeffachuun baay’ee murteessaadha. Xumurarratti – Baga Gammadde! Kitaaba fuula 260 qabu yaadrimee isaa hubachuudhaaf obsaan dubbistee xumuruu kee baay’een dinqisiifadha. Waan namni guyyaa hedduu irra oolee dubbisee hubatu ati haala salphaa kanaan hubachuudhaaf carraa argachuu keetittis gammaduu qabda. Har’a kitaaba tokko xumurteerta. Hamma dandeette, qabxii tokkos tahu hojiitti hiikuudhaaf akak yaaltu shakkii hin qabu. Marsaa itti aanutti immoo kitaaba biraatiin walitti deebina. Kitaaba kana erga dubbisteen booda yaada anaafis tahee hordoftoota kootiif qabdu yoo qabaatte naan gahuu hin irraanfatin. Like this:Like Loading… Related