SAANDUQICHA!

Namicha akka malee rakkataa tokkotu ture. Namichi kuni waan nyaatus, waan uffatus hin qabu. Rakkoon gar malee itti heddummaannan eddoo itti dhalate dhiisee hojii barbaadachuuf biyya biraa deeme. Biyya deeme sanitii daandirra taa’ee kadhachaa, darabaa mana namaa jala bulaa jiruu isaa dhiibuu eegale. Osoma haala kanaan jiruu guyyaa tokko mana nama dureessa wahiitti hojii eegdummaa argatee qacarame. Ergasii haati mana uffata jijjiratu kenniteefii, mana bultiis kenniteefii jiruu gaarii jiraachuu eegale. Warri manaa qabeenya guddaa waan qabaniif namichi kuni nyaataa dhugaatii uffataaf wanni inni rakkatu hin jiru. Amala gaarii waan qabuufis suuta suutaan warraan wal baratee jaalatama argachaa dhufe.

Yeroo muraasa booda Abbaan manaa lubbuun isaa dabra. Sana booda dallaa sana keessa isaafi haadha manaa qofa ta’anii jiraachuu eegalan. Isheenis amala isaa argite dallaa eegdummaarraa gara manaa ol galchite kutaa tokko kenniteef. Innis kanumaan baay’ee gammadee hojii isaa haala gaaridhaan hojjachuu eegale. Haati manas baay’ee jaalatte. Walii galteen isaanii cimaa adeemuu isaatiin, yeroo muraasa booda Abbaa Warraaf haadha warraa ta’anii jiraachuu akka danda’an itti himtee, qabeenya qabdu hundaa akka too’atu aangoo kenniteef. Waan hundaa erga harkaan geettee booda, gara kutaa tokkoo isa waamtee,… Ilaali qabeenya koo hundarratti ajajaan sihi, garuu saanduqa tana qofa tuquu hin dandeessu jetteen. Innis jiruu gadadoo hammas ga’u irraa sadarkaa kana ga’uu isaatiif baay’ee gamaadee hojii isaa haala ajaa’iba ta’een hojjachuu itti fufe. Wan haati warraa jetteen fudhatee hojii isaa itti fufe.

Ajajaa qabeenya guddaa ta’ee, jiruu qananii keessa bashannanaa jiraachun isaaf abjuu guddaa itti ta’e. Akkuma biyya sanaattuu namoota kabajamoo ta’anii maqaan isaanii eddoo adda addaatti kaafaman keessaa angafa ta’e. Sochiin isaa hundi konkolaatadhaan ta’e. Haadha manaa isaa waliinis jaalala bareedaa waliin jiraachaa jiruu ofii itti fufe.

Yeroo muraasa garuu, qalbiin isaa waan tokko irra deddeebitee isa gaafachuu itti fufte. Namtittiin kuni qabeenya kana hunda erga too’annoo koo jala galchitee maalif saanduqa sana itti hin kalaayin naan jette jedhee yaaduu eegale. Ganamas galgalas waanuma kanaaf dhippachuutti ka’e. Haadha manaa isaan waliinis walitti bu’iinsa keessa galuu eegale. Isiis irra deddeebi’ee gaafii kana gaafachuu eegale. Isheenis, waan saanduqa kanaa natti hin kaasin, itti hin kalaayin siin jedheeraa itti hin kalaayin jetteen. Irra deddeebitee akkana jechuun ishee daran gaafii itti uumee, saanduqa kana banuun qaba jedhee murteeffate. niitin isaa garuu, lakki dhiisi sitti haa hafuu jetteen, innis ni dide.

Haati manaa isaas erga baay’ee obsitee booda, tolekaa erga sanduqa kana banu malee jettee jaarsota biyyaa baafnee dubbii tana nuu haa ilaalanii jetteen. Innis gammachuu guddaadhaan tole, jedhee jaarsonni walitti qabaman. Booda lamaan isaanituu waan uumame jaarsotatti himatan.

Isheen, yeroo dhumaatiif gaafii tokko gaafatte…

Sanduqni kuni yoo baname anaaf siifis gaarii hin ta’u, haa banamuu? jetteen! Osoo jaarsonni dhagayan, maali wanni ati na dhoksitu, eeyyen wanni gale haa galu haa banamu jedheen… Jaarsonnis fedhii isaanii eeguf haa banamu jedhanii murteessan.

Ergasii… Furtuu saanduqichaa ummata jidduutti itti kennite….. Saanduqicha yoo banuu wanti inni arge waanuma inni guyyaa tokko hin yaadini….

.

.

.

.

.

.

.

Uffata Isaa Sharshara, Bututaa Gaafa Biyya isaa irraa fidatee dhufe sana ture! Namtitiin suni tarii akka namtichi kuni guyyaa tokko of hin daganne jettee achi keette. Eegaa, furtuu qabeenya kootii harkaa qabdu hunda naa kenni jetteenii, uffata inni uffates irraa mulqisiistee, ummata jiddutti Sharshara isaa waliin gaggeessite. Ilmoon namaa kuni yoo qanani’u waan deegu hin seeyu. Yoo deeges waan qanani’u hin seeyu. Marumaafuu, seenaa kanarraa waan tokko akka barattan abdiin qaba. Waanuma ta’es ta’u namni waan keessa dabre dagatuu hin qabu.

Namni kaleessa ofii hin beeyne egeree ofiitif waan gaarii tokko hojjachuu hin danda’u!

Kanuma

Keenyas Oluma