EENYUTU SI DHOORKA?

Mana koo keessa, eddoo hojii kootii taa’ee foddaarraan yoon gadi ilaalu, ifa bareedduu ganamaatitu natti mul’ata. Aduu bareedduu qaama nama si’eessitu, kan keessa taa’an nama gammachiistu, kan urtee qaama keessa seentee nama si’essitu. Kennaa Rabbiin Addunyaaaf kenne keessaa ishee takka. Kennaa, eenyumtuu osoo saantima takkas hin baasin bilisaan argatu.

Mee silaa Aduu tana argachuudhaaf kanfaltiin kan barbaachisu tahee nama meeqatu kanfalatee ifnana Aduu argachuu dandaha? Hammamuu qabeenya qabaatanis, akka amma Aduun eddoo hunda si’a tokkotti waliin geettu kanatti eenyutu dandahee waliin gahata? Eenyumtuu!

Aduma foddaa irraan argee na gammachiisterraa waan xiqqoo dubbachuuf malee, dhimmi ijoon ani barreessuu barbaade waa’ee Aduus hin turre. Ifa natti as baate tana keessa, waan xiqqoo isii osoon barreessee dhalootaaf dabarsee jedheen yaade.

Jireenya keessa waan hedduutu jira. Imalli jiruudhaa eessaa nama fuutee eessaan akka nama geessu hin beekamu. Garuu, imala kana itti yaaduun, karoorfachuun, hamma dandahan tattaafachuun waanuma hunda keenyarraa eeggamu. Al tokkoon utaallee eddoo guddaa tokko gahuu dadhabuu dandeenya, garuu eddoo guddaa gahuu feenu kamuu yaaduu wanti nu dhoorgu tokkos hin jiru.

Yaadni yeroo wahii sammuu keenya keessa deddeebisnu, akkamiin akka dhugoomu wanti beekamu hin jiru. Garuu, dhugoomus dhugoomuu baatus, kanfaltiin nama kanfalchiisu garuu hin jiru.

Yeroo reefu barattoota mana barumsa sadarkaa lammaffaa turre, hiriyoonni lameen ani beeku, waggaa kudhan booda nu lameenuu eddoo kana jiraanna jedhanii eddoo wahiitti barreeffatan. Eddoon isaan jedhan sun maal akka taates, maal akka qabdus wanti qabatamaan isaan beekan hin jiru. Kan isaan beekan eddoon sun biyyuma guddatte tahuu isheeti.

Nuti warra isaan dhageeffannuuf yaadni isaanii sun qoosaa nutti fakkaataa ture. Har’a lameenuu eddoo kaleessa yaadaan jiran sana qabatamaan jiru. Eeyyeen, baadiyyaa ganna dhoqqeen manaa nama hin baasne keessa taa’aniit, lukaan mana barnootaa deemaa barataniit, yaada isaanii garuu dhoqqee kaleessaa sanirraan tarkaanfachiisuu dandahan.

Eennutu si dhoorka waan feetef, hamma feete guddistee yaaduu?!

As biratti qabxiin ijoon, waan hunda dura sakaallaa sammuu keenya keessatti nuti ofumaa ofitti goone cabsuu dandahuudha. Eessayyuu jiraattu, haala kamuu keessa jiraattu, wanti toohannaa keetin ala bahuu hin qabne tokko ilaalcha ati mataa keetif qabdu. Yoo ati of gadi qabde, yoo ati yaada kee gabaabsite, yoo ati of tuffatte, eenyumtuu waan ati of keessatti cabsite si keessatti suphuu hin dandahu.

Kan akkuma kee gadadoof hadhaa jiruu hedduu keessa dabree, irraan tarkaanfatee milkaaye hedduudha. Atumti teessee sababa lakkaa’aa hin oolin. Ilma namaa kabaji malee, jettee jettee namaatiif hin dhiphatin. Ati waan feetes gootu, waan feetes yaaltu, ilmi namaa waan siin jedhu hin dhabu. Immoo, irra hedduun namaa nama cabsuuf tuffatuutu isaaf salphataa beeki.

Ofii olis gatii ofitti hin godhin, gatii keetis hin xiqqeessin. Yoomuu immoo of foyyessuuf yaaluu irraa of duuba hin jedhin. Guyyaan Rabbi uume tuni hundi kaleessarra fooyya’anii argamuuf carraa guddaadha. Itti fayyadamuun immoo waan keenya.

Har’i kee kaleessa keetirra fooyya’aa taanaan, of dura tarkaanfataa jirta jechuudha. Kanaaf, dorgommiin kee guddaanis, nama kan biroo faana osoo hin tahin kaleessa kee waliinis taha. Kalee kee irra aanaa adeemnaan, imalli kee garuma milkiiti.

Walumaagalatti, barruu tiyya gabaabduu tana keessatti qabxiiwwan sadi isiniif qooduu barbaade:

  1. Tokkoffaan – kennaan nuti gatii isaa hin beekne hedduun jiraachuu isaanii irraanfachuu dhabuu.
  2. Lammaffaan – yaada keenya bal’isuun barbaachisaa tahuu isaa akeekufi.
  3. Sadaffaan – yeroo kamuu jijjiiramaaf kaka’umsa qabaachuudha.

Kennaa qabnu yaadachuun galateeffataa namaa nu taasisa, yaada keenya bal’isuun kaka’umsaafii abdii nutti hora, if jijjiiraa adeemuun immoo gara milkiitti nu geessa.

Kanuma

Keenyas Oluma