

The Autobiography of Malcom X
Author: Alex Harley: 1995
Maalkom maqaan dhaloota isaa Maalkom Little jedhama. Abbaa fi haati isaa falmattota mirga ummata Gurraacha turan. Sababa kanaan cunqursaa, dararaa fi buqqa’insa hedduu keessa darbanii gara Michigan godaanan. Abbaan isaa yeroo Maalkom waggaa jaha turetti ajjeefame, haati isaa immoo dhibamtee gara mana yaalaa geeffamte. Maalkom fi obboleewwan isaa garagaraa addaan guddifaman.
Guddisa warra Adii jala ta’e, barumsas keessatti cimaa ture. Garuu yeroo abbaa seeraa tahuu barbaada jedhee barsiisaa isaa gaafatu, “manneen ijaaruu baradhu” jechuun xiqqeessame. Kanaan aaree barumsa addaan kute. Cunqursaa sanyii irraa kan ka’e, hamileen isaa caccabee ture.
Boostan deemee gara garee yakka fokkataa hirmaate. Mana sirbaa, dheedhii, hatuu fi dhala namaa daldaluu keessa gale. Umrii waggaa 20tti yakkaaf qabamee waggaa 10 hidhaatti murame.
Mana hidhaa keessatti of barsiisu eegale. Kitaabota hedduu dubbise. Dubbisuun gara ifaa jireenyaatti isa ceesisuu eegale. Dandeettii yaaduu fi barreessuu horate. Jireenya isaa jijjiiruu eegale.
Maqaa Maalkom Little irraa gara Malcom Xtti jijjiire. Maqaan X eenyummaa dhokataa fi hin beekamne kan gabroomfataan irraa fudhatame bakka bu’a. Maqaa warra gabroomfataa of irraa balleessuuf maqaa haaraa itti moggaase.
Faallaa Maartin Luutaar, Maalkom X qabsoo humnaan ofirraa faccisuutti amane. Ol’aantummaa Gurraachaa fi ofeeggannoo ofiif qabsaawuu yaada jedhu calaqqise. Namoota hedduu biratti wal falmisiisaa ture, garuu fudhatama ni qabaate.
Mana hidhaa keessaa bahan booda “Nation of Islam” seene. Dhaabbata siyaasaa fi hawaasummaa kan ol’aantummaa Gurraachaa irratti hundaaye. Sadarkaa hoggansaa ol’aanaa irra gahuun miseensota heddummina itti dabale.
Booda garee Nation of Islam irraa fagaatee gara Saawudii Arabiyaa hajjii deeme. Achitti Islaamummaa dhugaa arge. Islaamummaa keessatti walqixxummaan sanyii kamiyyuu dhugoomuu isaa arge. Sana booda maqaa isaa gara El Hajj El Malik El Shabbaztti jijjiire.
Gurraandhala 21, 1965 Magaalaa New York keessatti osoo haasaa godhu rasaasaan ajjeefame. Miseensonni Nation of Islam dhoksaadhaan ajjeesan. Umrii isaa waggaa 39 ture.
Kitaabni “The Autobiography of Malcolm X” seenaa nama rakkoo keessaa ba’ee ifa ta’eedha. Seenaa kana keessaa waan tokkos ta’e akka barattu abdii kooti. Yoo Rabbi fedhe, torban itti aanu keessatti qormaataan akka wal arginu abdii qaba.
Maalkoom qabsaa’aa mirga dhala namaati.
Ummata isaatiif qabsaa’ee
Umrii isa waggaa 39tti Adduunyaa
kanarraa boqate.
Mana hidhaa keessatti of barsiisu eegale. Kitaabota hedduu dubbise. Dubbisuun gara ifaa jireenyaatti isa ceesisuu eegale. Dandeettii yaaduu fi barreessuu horate. Jireenya isaa jijjiiruu eegale.
Maqaa Maalkom Little irraa gara Malcom Xtti jijjiire. Maqaan X eenyummaa dhokataa fi hin beekamne kan gabroomfataan irraa fudhatame bakka bu’a. Maqaa warra gabroomfataa of irraa balleessuuf maqaa haaraa itti moggaase.
Faallaa Maartin Luutaar, Maalkom X qabsoo humnaan ofirraa faccisuutti amane. Ol’aantummaa Gurraachaa fi ofeeggannoo ofiif qabsaawuu yaada jedhu calaqqise. Namoota hedduu biratti wal falmisiisaa ture, garuu fudhatama ni qabaate.
Mana hidhaa keessaa bahan booda “Nation of Islam” seene. Dhaabbata siyaasaa fi hawaasummaa kan ol’aantummaa Gurraachaa irratti hundaaye. Sadarkaa hoggansaa ol’aanaa irra gahuun miseensota heddummina itti dabale.
Booda garee Nation of Islam irraa fagaatee gara Saawudii Arabiyaa hajjii deeme. Achitti Islaamummaa dhugaa arge. Islaamummaa keessatti walqixxummaan sanyii kamiyyuu dhugoomuu isaa arge. Sana booda maqaa isaa gara El Hajj El Malik El Shabbaztti jijjiire.
Gurraandhala 21, 1965 Magaalaa New York keessatti osoo haasaa godhu rasaasaan ajjeefame. Miseensonni Nation of Islam dhoksaadhaan ajjeesan. Umrii isaa waggaa 39 ture.
Kitaabni “The Autobiography of Malcolm X” seenaa nama rakkoo keessaa ba’ee ifa ta’eedha. Seenaa kana keessaa waan tokkos ta’e akka barattu abdii kooti.
Leave a comment